Biyya dhibee ittisuuf jecha Bookee oomishtu- Biraaziil

You are currently viewing Biyya dhibee ittisuuf jecha Bookee oomishtu- Biraaziil

AMN Plus- Fulbaana 27/2018

Biraazil Warshaa Horsiisa Bookee addunyaa irratti guddinaan isa jalqabaa ta’e bante.

Biyyattiin tatamsa’ina Dhibee “Dengi” jedhamu dursitee ittisuuf akka ishee dandeessisuuf Warshaa bookee dhiiga xuuxxu Miiliyoona 190 oomishuu danda’u akka bante ibsameera.

Hojjattootni hedduun qacaramuun, bookee miliyoona 200 ta’an horsiisuun sadarkaa wal hormaata isaanii irra osoo hin ga’in gadi lakkisuuf dadhabbii malee hojjetaa jiru. Haala kanaan, dhibee “Dengue Fever” jedhamu akka hin daddabarre taasisuuf karoorfameera.

Bookeen akaakuu “Aedes aegypti” jedhaman warshaa kana keessatti Baakteeriyaa “Wolbachia” jedhamuun akka faalaman taasisuun, guddinni Vaayirasii Dengi qaama isaanii keessatti akka gufatu taasisuun gara namaattis akka hin dabarre taasifamuu isaatu dubbatame.

Warshaa kana keessattis bookee Dengi daddabarsaniif bishaanni ho’ina to’atamuun guutameefi Laarvaa (Jiisaa) isaanii itti kuusan, yeroo gara ilbiisaatti geeddaraman ammoo man’ee keessatti soorata gosa barbaadan soorachaa guddatan akkaataa bifaafi saala isaaniin qophaa’uufiitu ibsame.

Hanqaaquun isaanii akka walitti qabamuuf ammoo bakki mijataa warshaa kana keessatti mijeeffameera.

Biyyootni akka Ameerikaa mala ittisa dhibee kanaa tooftaa wal fakkaataan qolachuusaanii kan eerame yoo ta’u biyyi Ameerikaa Kibbaa, dhibee Dengi waggaadhaa gara waggaatti hammaachaa dhufe ittisuuf faayidaa akka qabaatu himameera.

Bara faranjootaa darbe dhibee Dengiin biyyoota miidhaman keessaa Biraazil hubaatii dhibbantaa 80 ol kan keessummeessite ta’uu ibsameera.

Warshaan kun torbanitti bookee miliyoona 190 ol oomishuun waggaatti uummata miliyoona 100 ol dhibee Dengi irraa baraaruuf karoorfamuu “Reuters” gabaaseera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply