“Biyyikoo Ulaa Galaanaa argachuuf waraana hin barbaaddu” Artiist Yoosan Geetaahun

You are currently viewing “Biyyikoo Ulaa Galaanaa argachuuf waraana hin barbaaddu” Artiist Yoosan Geetaahun

‎AMN PLUS – Onkoloolessa 06/2018

Welluu “Galaanoo” jedhuun Artiisti Qamar Yusuuf waliin mul’ata Itoophiyaanotaa aartiin kuulee, “Siifan jiras” jedhee dhaame.

“Humni kees galaana” jechuun humna galaanaa himuuf aartiitti dhimma ba’ani, Artiist Yoosan Geetaahuniifi Qamar Yusuuf.

“Been Galaana Diimaa, Been Galaana Diimaa”…jechaa itti fufa Weelluun isaanii.Artiist Yoosan Geetaahun AMN Diijitaal waliin turtii taasiseen “Ulaan galaanaa humna karra hiyyummaa cufudha” jedhe.

‎”Itoophiyaan Ulaa Galaanaa akka dhabdu kan taasise warra lafas, daangaas, biyyas gurgurataa turani” jedhe Yoosaan.

Oromoon ‘Ollaadhaa wajjin dugda ol qabatu’ akkuma jedhu, biyyikoo Itoophiyaan ulaa galaanaa deebifaachuuf nagaa malee waraana hin barbaaddu jechuun AMN Diijitaaliif dubbate.

‎Ulaa galaanaa dhabuun mi’a dooniin qarqara biyyaa gahe tursuun gatii hin malle hawaasa irratti dabalee rakkoo qaqqabsiiseera kan jedhu Yoosan, kanaafis dhimmi ulaa galaanaa dhimma waloo hawaasa bal’aa fi dhimma rakkinaa ba’uuti” jechuun kaaseera.

‎Itoophiyaan Ulaa galaanaa argachuun biyyoonni ollaa yoo hinaafaa fi anatu caalaa of keessaa hin qabaanne, warra nu dhowwatan sanas ni fayyada jedheera.

‎Akkuma Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahimad (PhD) biyyoonni ollaa waraanaan osoo hintaane karaa nagaan nuuf kennuu qabu jedhan sun sirrii ta’uu tuqeera.

‎Biyyi keenya ulaa galaanaa qabaachuun oomisha gabaa addunyaatti erguu fi oomisha biroo alaa gatii madalawaan galchuuf karaa ta’ee kan gargaaru ta’uullee eerera.

‎Akkuma Hidhi Abbayyaa nuuf furmaata ta’e, karaa ittiin biyyoota quunnamnu argachuunis furmaata biyyaatii fi furmaata hiyyummaati jechuun Artiist Yoosan Geetaahun dubbateera.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply