Biyyootni Awurooppaa 26 humna waraanaa isaanii Yuukireenitti erguuf qophii tahuu beeksisan

You are currently viewing Biyyootni Awurooppaa 26 humna waraanaa isaanii Yuukireenitti erguuf qophii tahuu beeksisan

‎AMN PLUS – Hagayya 30/2017

‎Raashiyaa fi Yuukireen jidduutti waliigalteen nagaa kan mallattaa’u yoo ta’e, biyyootni Awurooppaa 26 humna waraanaa isaanii Yuukireenitti erguuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

‎Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon kana kan taasisan, wabii nageenyaa Kiyeeviif mirkaneessuuf akka ta’e dubbachuun, akkuma waliigaltee irra ga’aniin humni waraanaa galaanaa, lafoofi xiyyaaraan biyyattiitti erguuf biyyootni Awurooppaa 26’nuu eyyemamoo tahuu addeessaniiru.

‎Yaa’iin biyyootni 35 irratti hirmaatan xumuramuu isaa hordofee ibsa kan kennan Maarkoon Ameerikaanis ejjennoo ishee akka beeksistu himan.

‎Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, “Raashiyaan gara mariitti akka dhuftu gochuuf miseensotni Gamtaa Awurooppaa, bobo’aa Mooskoo irraa bituu dhiisuu qabu” jedhaniiru.

‎Gama biraan, Raashiyaan, biyyootni Awurooppaa humnoota waraana isaanii Yuukireenitti kan ergan taanaan ammas yaaddoo nageenyaa natti tahu jechuun yaaddoo qabdu ibsiteetti.

‎Akeekkachiisa Mooskoorra darbanii kan waraana isaanii bobbaasan yoo tahe garuu haleelamuu akka malan gamanumaa beeksisteetti.

‎Madda: BBC

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply