‎Bu’aan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhufe kaaniif fakkeenya- Nuhuu Chiyaam

You are currently viewing ‎Bu’aan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhufe kaaniif fakkeenya- Nuhuu Chiyaam

‎AMN PLUS- Hagayya 3/2017

‎Komishiniin Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa fi Tola Ooltummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Miseensota Waldaa Hojjattoota Komishinii Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaaban.

‎Dhaabbiin biqiltuu kun kan gaggeeffame magaalaa Finfinnee, naannoo Beellaa 18 Maazoriyaa jedhamuun beekamutti.

‎Akka Pireezidaantiin Waldaa Hojjetoota Komishinii Gamtaa Afrikaa Nuhu Chiyam jedhanitti; Jijjiiramni qilleensaa akka addunyaatti miidhaa guddaa geessisaa jira.

‎Biqiltuu dhaabuun rakkoo jijjiirama qilleensaatiin dhufu itti fufiinsaan ittisuuf furtuu akka tahe kan himan Pireezidaantichi, kanaan walqabatee bu’aan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa galmeesse fakkeenyummaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

‎Komishinarri Komishinii Qindeessaa Hirmaannaa Hawaasaa fi Tola Ooltummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Yimar Kabbadaa gama isaaniin dhaabbiin biqiltuu har’aa kun xiyyeeffannoo Itoophiyaan dhimmichaaf kennite agarsiisuuf carraa akka tahe ibsaniiru.

‎Kunis maqaa gaarii Itoophiyaa ijaaruu keessatti gahee guddaa akka qabu ibsuu isaanii Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply