Burkiinaa Faasoon Afrikaanota garas imalaniif kaffaltii tokko malee akka Viizaa kennitu beeksiste.
Biyyattiin viizaa bilisaa kan eyyemteef imala daawwattootaa si’eessuufi sochiin shaqaxoota garaa garaas akka saffisuuf ta’uu ibsiteetti.
Ministrri Nageenyaa Burkiinaa Faasoo Mahaammuuduu Sababaa, “Ammaa eegalee Lammii biyyoota Afrikaa, gara Burkiinaa Faasoo dhufu irraa kaffaltiin tokkollee hin eegamu” jedhaniiru.
Akka ibsa ministirichaatti, daawwattootni Afrikaa, galmee oonlaayiniitiin unka barbaachisu qofa guutuu qabu.
Kanaan duras, biyyootni akka Gaanaa, Riwaandaafi Keeniyaa, imaltoota Afrikaaf viizaa bilisaa eyyemaniiru.
Fonqolcha mootummaan gara aangootti kan dhufan Pireezidaantiin umurii dargaggummaa keessa jiran Kaapteen Tiraa’ooreen sochii Paan Afrikaanizimii finiinsuun Afrikaanota biratti jaallatamaafi beekamtii guddaa argateera.
Qeeqa inni waa’ee koloniifi biyyoota Lixaa irratti dhiyeessu garuu pireezidaantii humnaan aangoo qabaterraa akka hin eegamne xiinxaltootni tokko tokko yoo kaasan, anga’oota biyyoota muraasaanis ija dalgaan ilaalamuu jalqabeera.
Biyyoota Afrikaa rakkoon Afrikaa Afrikaanotaan furamuu qaba jedhanii amananiif akka mallattootti kan ilaalamu adeemsi viizaa bilisaa eeyyamuu kun carraa gaarii fidee dhufu akka qabaatu abdatama.
Madda: BBC
Malkaamuu Abbabaatiin