Hojiileen sirna Buusaa Gonofaa caalaatti cimsanii miira abbummaa hawaasaa guddisan hojjetamaa jiraachuu hoogganaan Buusaa Gonofaa Naannoo Oromiyaa obbo Mahaammad Jundii dubbatan.
Hooggantoonni Buusaa Gonofaa Oromiyaa waltajjii komunikeeshiniin naannichaa mata duree ‘Gumii Balballoomii’ jedhuun qopheesserratti hojiilee sirnichi bu’uura ummataa akka qabaatu hojjetamaa jiranirratti ibsa kennaniiru.
Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Mahaammad Jundii haga ammaatti miseensa Miiliyoona 27 horachuusaa eeranii, buusii isaanirraa argamuu fi gumaachi taasisamu akka dabalaa dhufe dubbataniiru.
Sirna Gadaarraa kan maddee fi sirna wal gargaarsaa kan ta’e sirni Buusaa Gonofaa akka jabaatee itti fufu taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Keessumaa, ummanni deeggarsa eeguu jalaa bahee rakkoolee mudatan dandeettii ofiin damdamatee darbuu akka danda’u taasifamaa akka jiru hoogganaan kun eeraniiru.
Naannichi balaawwan uumamaa fi namtolchee mudatanii turan dandeettii ofiin damdamachuusaa ibsaniiru.
Buusaan Gonofaa bara baajataa 2017 naannicharra darbee naannolee biroofillee deeggarsa akka godhe beeksisaniiru.
Hoogganaan Itti Aanaa Buusaa Gonofaa obbo Tafarii Bayyanaa gamasaaniin, gargaarsa idilee biratti sooratni barattootaa naannicha keessatti gargaarsa isaaniin dhiyaachaa akka jiru ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.