Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 3ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa boruu ni eegala.

You are currently viewing Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 3ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa boruu ni eegala.

‎AMN PLUS- Adoolessa 11/2017

‎Caffeen Oromiyaa raawwii hojii bara bajataa 2017 qorachuuf yaa’ii isaa idilee 3ffaa, waggaa 4ffaa, bara hojii 6ffaa guyyaa boruu magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti ni taa’a.

‎Afa yaa’iin caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurrahaamaan ibsa miidiyaaleef kennaniin caffeen Oromiyaa gabaasa raawwii hojii bara bajataa 2017fi ajandaalee gurguddoo akka naannootti jiran irratti maarii’achuun kallatti fula-duraa kaa’uuf boruu akka taa’u himaniiru.

‎Gaabaasa mana hojii odiitara muummichaa,fi mana murtii waliigalaa Oromiyaa dhiyaatuu ciminaafi haanqinoota jiran caffeen akka qoratu Aadde Sa’aadaan dubbataniiru.

‎Akkasumas labsii haaraa dhimma baajata dabalataafi karoora bara baajataa 2018f qophaa’efi muudama adda addaa irratti marii’achuun kan raggaasisuu ta’a jedhame eeggama.

‎Yaa’ichi boruu kaasee guyyoota lamaaf kan itti fufu ta’uun beekameera.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply