Ce’umsi Dijitaalaa seenaa diinagdee Afriikaa jijjiira- MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Ce’umsi Dijitaalaa seenaa diinagdee Afriikaa jijjiira- MM Abiyyi Ahimad

AMN Plus- Fulbaana 29/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Yaa’ii Dureewwan Biyyoota COMESA 24ffaa Keeniyaan qopheessite irratti hirmaataa jiru.

Dooktar Abiyyi miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Yaa’icha irratti Ce’umsi diijitaalaa carraa seenaa diinagdee Afriikaa jijjiiruu akka qabu dubbachuu isaanii ibsaniiru.

Yaa’iin hoggantootaa COMESA 24ffaa mata duree “Dijiitaalaayizeeshinii guddina walitti hidhamiinsa sona naannawaaf fayyadamuun guddina waaraafi hammataaf oolchuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Akka ardiitti tattaaffiiwwan biyyootaa walitti hidhuufi walitti hidhamiinsa naannawaa saffisiisuuf ogummaafi bu’uura qabna jechuun ibsaniiru.

Itoophiyaatti ogummaa dijiitaalaa misoomsuufi bu’uuraalee misoomaa barbaachisan ijaaruuf tarkaanfii gaarii tarkaanfanneerra jedhan.

Egeree dijiitaalaa waloo keenyaa guddisuuf tumsaan hojjechuuf qophiidha jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply