‘Ciminni keessaa milkaa’ina dippiloomasiif humna guddaa dha’ – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

You are currently viewing ‘Ciminni keessaa milkaa’ina dippiloomasiif humna guddaa dha’ – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

AMN PLUS- Ebila 2/2107

Milkaa’ina dippiloomasiif cimina biyya keessa irratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa akka ta’e Minisitir Deetaan Tajaajila kominikeeshinii Mootummaa Obbo Tasfaahun Gobozaayi ibsaniiru.

Mata dure, “Quunnamtii kaayyoo irratti xiyyeeffate olka’iinsa Itoophiyaaf ” jedhuun hoggantootaa fi ogeessota damee kominikeeshiniif leenjiin kennamaa jira.

Haaluma kanaan leenjiin haala siyaasaafi imaammata dhimma alaa irratti xiyyeeffate kennameera.

Leenjicharratti Ministir Deetaan Tajaajila kominikeeshinii Mootummaa Obbo Tasfaahun ergaa dabarsaniin cimina keessa gabbisuun milkaa’ina quunnamtii alaaf gahee olaanaa akka qabu eeraniiru.

Haaromsa dinagdee biyya keessaa, kallattii imaammataa, kaka’umsaa mootummaa sirnaan dabarsuu, akkasumas odeeffannoo madaalawaa dhimmoota adeemsa naanawaa fi idil- addunyaa waqtawaa ta’an kennuudhaan fakkii biyyaalessaa fi milkaa’ina dippilomaasii ijaaruuf faayidaa olaanaa akka qabu Obbo Tasfaahuun hubachiisuu isaanii tajaajilicharraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply