Daa’ima ganna 4 ta’anii carallaa aduu bishaan irratti uumameen qaroo dhaban

You are currently viewing Daa’ima ganna 4 ta’anii carallaa aduu bishaan irratti uumameen qaroo dhaban

AMN PLUS- Adoolessa 25, 2017

Dr. Baqqalach Xuruyyee jedhamu. Qaro dhabeettii “Qaro dhabuun waan yaadan milkeessurraa nama hin daangessu” jedhanidha.

Daa’ima waggaa afurii ta’anii carallaa aduu bishaan irratti uumameen ture qaroo isaanii kan dhaban.

Qaroo isaanii deebisuuf yaaliin taasifameen bu’aan qorannoo argame gammachiisaa hin turre.

Dr.Baqqalachis qaroo isaanii dhabuun akka duubatti hafan osoo hin taane, jabaatanii akka fuulduratti bahan humna ta’eef.

Barsiistuu, barreessituu akkasuma gaazexeessituu Dr.Baqqalach hiriyoota isaanii waliin Waldaa Qaroo Dhabeeyyii hundeessuun, miidhaa dubartoota qaroo dhabeeyyii irra gahuu danda’u qolachuufis dubartii hojjachaa jiraniidha.

Dubartiin kun bu’aa ba’ii akkamii darbanii har’a gahan kan jedhuuf Wiixata galgala Qophii Siinqeen AMN FM 96.3 irratti nu eegaa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply