Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bara baajataa kana keessa galii Doolaara biiliyoona 7.6 argachuu isaa Hojii raawwachisaa Olaanaan daandichaa obbo Masfin Taasawu himaniiru.
Hojii raawwachiisaa olaanaa kun raawwii hojii daandiin xiyyaaraa bara baajataa 2017 ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Ibsa isaanii keessatti barri baajataa kun damee geejjibaa qilleensaa irratti dhiibbaa akka qabu yaadachiisaniiru.
Daandiin Qilleensichaa, waldhabdee fi waraana kutaalee addunyaa adda addaatti uumame dabalatee, jijjiirama diinagdee, dhiibbaa taarifaa mootummaan Ameerikaa oomishaalee adda addaa irratti kaa’e dandamachuun raawwii fooyya’aa agarsiiseera jechuun Hojii raawwachisaan Daandii Qillensichaa bsaniiru.
Bara 2017’tti Daandiin Qillensicha bakka buufatalee 6 akka idil-addunyaatti kan bane yoo ta’u, xiyyaarota 13 haaraa ammoo gara biyyaatti galcheera.
Bara kana keessa Imaltoota miiliyoona 15.2 kan idil-addunyaa, miiliyoona 3.9 immoo imaltoota biyya keessaa waliigalatti imaltoota miiliyoona 19 imalsiisuu danda’uu isaa hoji raawwachisichi ibsaniiru.
Galiin bara baajataatti galmaa’e Doolaara biiliyoona 7.6 kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 8n dabaluu isaa ibsaniiru.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tarsiimoo guddina ariifataa hordofuun bu’aa gaarii galmeessisuu isaas ibsaniiru.
Bara baajataa kana keessatti bakkeewwan balalii idil-addunyaa haaraa ja’a babal’isuu akka danda’e eereer