Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa fi Dhaabbanni Daldala Alaa Jaappaan (JETRO) waloon hojjechuuf waliigaltee bittaa fi gurgurtaa mallatteessan.
Waliigaltee bittaa fi gurgurtaa kanarratti Hoji raawwachisaa olaanaan Damee Daldalaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa obbo Lammaa Yaaddechaa fi Dura taa’aan Dhaabbata Daldala Alaa Jaappaan Ishiiguuroo Noorihiikoo waliif mallatteessaniiru.
Waliigaltee bittaafi gurgurtaa kanaan hawaasni daldalaa Jaappaan neetworkii fe’umsaa meeshaalee Afrikaa jirutti fayyadamuun oomisha isaanii Afrikaatti raabsuu; kan Afrikaa ammoo gara Jaappaanitti erguu, akkasumas fe’umsa meeshaalee magaalaa Finfinnee waliin ta’uun akka misoomsan ibsameera.
Sirni waliigaltee kun kan adeemsifame Yaa’ii Hooggantoota TICAD-9 Jaappaanitti geggeeffamaa jirurratti yoo ta’uu, Jilli Ministira Industirii Obbo Malaakuu Allabaaliin durfamu irratti argameera.
Sirna kanarratti haasawa kan taasisan Obbo Malaakuu Allabal Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhaqqabummaa isaa haalaan babal’isaa kan jiru yoo ta’u, waliigalteen har’a Dhaabbata Daldala Alaa Jaappaan waliin mallattaa’e hariiroo biyyoota lamaanii daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa obbo Dhaabaa Dabalee akka jedhanitti, hariiroon Itoophiyaa fi Jaappaan gidduu jiru yeroodha gara yerootti cimaa kan dhufe yoo ta’u, waliigaltichi daran gahee olaanaa kan taphatu ta’uu ibsaniiru.