Daandiirra warri jiraatan Waashingitan keessaa bahuu qabu- Tiraamp

You are currently viewing Daandiirra warri jiraatan Waashingitan keessaa bahuu qabu- Tiraamp

‎AMN PLUS – Hagayya 5/2017

‎Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp namoonni daandiirra jiraatan hatattamaan’ Waashingitan DC keessaa bahuu akka qaban himan.

‎Tiraamp yakka magaalichatti hojjetamu xiqqeessuuf murtoo kana dabarsuu ibsaniiru.

‎Warra mana hin qabne hatattamaan bahaniif bakki turtii akka kennamu ibsuun kanneen didan garuu akka hidhan akeekkachiisaniiru.

‎Karoorri pirezidaantichaa ifatti beekamuu baatus bara 2022 yeroo dubbii taasisan namoota mana hin qabne ”gara dahoo qulqullina qabuu fi lafa qaalii hin taaneetti geessina” jedhanii akka turan ni yaadatama.

‎Kantiibaan magaala Waashingitan DC bara 2023 keessa yakki akka malee dabalee ture ibsuun bara kana garuu jijjiiramni akka jiru himaniiru.

‎Magaalaa Waashingitan DC jiraattota Kuma 700 ol qabdu keessaa namoonni Kuma Sadiifi 700 caalan warra mana hin qabneefi dahoo keessa jiraatan ta’uus beekameera.

‎Maddi : BBC

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply