Daangaan Yuukireen humnaan jijjiiramuu hin qabu – Gamtaa Awurooppaa

You are currently viewing Daangaan Yuukireen humnaan jijjiiramuu hin qabu – Gamtaa Awurooppaa

‎AMN PLUS- Hagayya 06/2017

‎Hooggantootni Gamtaa Awurooppaa daangaawwan Yuukireen humnaan akka hin jijjiiramne kan akeekkachiisan marii Ameerikaa fi Raashiyaa Yuukireen irratti fuuleffachuun Alaaskaatti gaggeessuuf jiran, guyyoota lama dursuuni.

‎Hooggantootni Awurooppaa ibsa baasaniin ummanni Yuukireen egeree isaa murteeffachuuf bilisummaa qabaachuu akka qabu ibsaniiru.

‎Itti dabaluudhaanis, birmadummaan biyyattii kabajamuu akka qabuu fi daangaawwan idil-addunyaa humnaan jijjiiramuu akka hin qabne, ibsa kanaan yaadachiisaniiru.

‎Ibsicha irratti hooggantoota 27 keessaa 26 mallatteessuun isaanii yoo gabaafamu, kan hin mallatteessise Gaggeessaa Haangaarii Viktoor Orbaan akka tahe beekameera.

‎Isaanis sababaa, Raashiyaa waliin hariiroo michoomaa qabaniif akka tahe yoo himamu, irra deddeebiin deeggarsa Gamtaan Awurooppaa Yuukireeniif taasisaa ture ugguruuf akka yaalaa turan gabaafameera.

Raashiyaan wal dhabdee bara 2014 irraa eegalee bara 2022tti hammaateen, naannolee hedduu humna waraanaatiin Yukireen irraa fudhatte keessaa Kiriimiyaa, Donetsk fi Luhansk, Khersoniifi Zaaporizhzhia’n isaan ijoodha.

‎Biyyoonni Awurooppaa daangaa isaanii kabachiisuuf waraana heddummoota galaafate adeemsisaa turuun qaama seenaa isaanii tahuu irraan kan kahe, Ameerikaan, Yuukireen keessatti waan mudataa jiru hayyamuu ishee biyyoota Awurooppaa garmalee kan yaaddessaa jiru akka tahe BBC’n gabaaseera jira.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply