Daballi mindaa hordofee qaala’iinsi gatii hin mallee akka hin uumamneef hojjetamaa jira

You are currently viewing Daballi mindaa hordofee qaala’iinsi gatii hin mallee akka hin uumamneef hojjetamaa jira

‎AMN PLUS – Onkoloolessa 6/2018

‎Daballi mindaa hordofee qaala’iinsi gatii hin mallee akka hin uumamneef hojjetama akka jiru Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Faayinaansii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Abdulqaadir Redwaan ibsan.

‎Daballiin mindaan dhiibbaa jireenyaa hir’suuf kan taasifamee waan ta’eef gatii dabaluun hiika kan dhorkinuu yoo ta’e hojjettoota mootummaas ta’ee biyya kan hin fayyadu jedhan.

Daldaltoonni bu’aa madalaawaa ta’e yaada keessa galfachuun hojjechu qabu jedhameera.

‎Hojjettoota mootummaatiif mindaa dabaluun faayidaa baay’ee akka qabu kan himan Obbo Abdulqaadir, sivil sarvaantiin miira tajaajila kennuu gahaafi fedhii kalaqaa irratti hundaa’uun akka hojjetaniif riifoormii taasifamedhas jedhaniiru.

Daldaltoota sababa malee gatii dabaluuf yaalan irratti tarkaanfiin cimaan akka fudhatamu eeraniiru.

‎Sadarkaa biyyaatti fooyya’iinsa diinagdee gooroo fiduu keessaa tokko jireenya hojjettoota mootummaa foyyessuu akka ta’e Sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hogganaan Biiroo Pabliki Sarviisiifi Misooma Humna Namaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Jamaaluu Jambar (PhD) ibsaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees daballii mindaa hojiirra oolchuuf haal-duree akka xumures dubbataniiru.

‎Foyya’inni daballii mindaa haaraa kunis akka magaalaa Finfinneetti birrii biiliyoona 7.7 akka dabale kan ibsan yoo ta’u, kuufama ji’a Fulbaanaa hanga Onkoloolessa 15/2018tti jiru kaffaluuf qophiin xumuramuus ibsaniiru.

‎Kenninsa tajaajilaa foyyessuufi fedhii tajaajilamtootaa guutuf hojimaata garaagaraa hojiirra oolaa akka jiranis ibsameera.

‎Barakat Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply