Daballii Miindaa hojjettoota Mootummaa wajjin wal qabatee hojiiwwan seeraan alaa raawwataman irratti to’annoon ni taasifama- Kaasaahun Gofee(Dr.)

You are currently viewing Daballii Miindaa hojjettoota Mootummaa wajjin wal qabatee hojiiwwan seeraan alaa raawwataman irratti to’annoon ni taasifama- Kaasaahun Gofee(Dr.)

‎AMN PLUS- Hagayya 12/2017

‎Mootummaan Fulbaana bara 2018 irraa eegalee miindaa dabaluun haala jireenya hojjettootaa fooyyessuuf murteessuun isaa tarkaanfii gaarii fi qajeelaa akka ta’e Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannoo Kaasaahun Gofee (Dr.) ibsaniiru.

‎Daballiin miindaa kun haala jireenyaa hojjettoota mootummaa, kanneen baay’ina ummata biyyattii keessaa dhibbantaa 2 gadi ta’an fooyyessuu fi tajaajila mootummaan hawaasaaf kennu bu’a qabeessa akka ta’uuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

‎Ministirichi miidiyaa hawaasummaa isaaniin, hawaasni daldalaa gara caalu seeraafi sirna kabajee kan hojjatu tahuun isaa kan isa galateeffachiisu ta’us,daldaltoonni faayidaa jaal’atan daballii miindaa hojjataa mootummaaf taasifame sababeeffachuun faayidaa hin malle argachuuf oliifi gadi fiiguun akka mul’ate ibsaniiru.

‎Dorgommiin faayidaa hin malle argachuuf taasifamu kuni dambiifi naamusa daldalaatiin saalfachiisaa ta’uun isaa hubatamee, Dambii Daldalaa lakkoofsa 980/2008 fi 813/2006’n akkasumas Seera Yakkaa Bara 1996 darbuutiin waan adabsiisuuf, daldaltoonni gatii garmalee dabalan, hanqina namtolchee uumaniifi kanneen meeshaalee kuusan, akkasumas dhoksan gocha isaanii irraa akka of qusatan Ministirichi yaadachiisaniiru.

‎Caasaan daldalaa sadarkaa sadarkaan jiru qaamolee haqaa fi nageenyaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan tasgabbii gabaa cimsuu, hordoffii fi to’annoo cimsuu, akkasumas adeemsi daldalaa haala tasgabbaa’aa ta’een itti fufuu akka danda’uuf namoota seera cabsan irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuu akka qabu beeksisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply