Fooyya’iinsa miindaa taasifame hordofuun daldaltoota daballii gatii taasisuuf yaalan irratti mootummaan tarkaanfiin cimaa fudhachuuf ajaja akka dabarse Komishiniin Siivil Sarvizii beeksise.
Fulbaana bara 2018 irraa eegalee daballiin miindaa hojjettoota mootummaa hojiirra akka oolu Komishinii Siivil Sarviisii fi Ministeera Maallaqaa irraa beekuun danda’ameera.
Daballiin miindaa kun dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hojjettoota mootummaarraa xiqqeessuuf kan hojjetame yoo ta’u, daldaltoota sababa malee gatii dabalan irrattis tarkaanfiin seeraan cimaa ta’e akka fudhatamu mootummaan murtoo dabarsuu himameera.
Komishinarri Komishinii Siivil Sarviisii Federaalaa Makuriyaa Haayilee (Dr.) hawaasni daldalaa harki caalaan imaammataa fi qajeelfama mootummaan baase akka deeggaraa jiru beeksisan.
Daballii miindaa kanaaf baajata dabalataa Birrii Biiliyoona 100 fi Biiliyoona 60 ol mootummaan kan baasufi jireenya hojjettoota mootummaa fooyyessuuf dursi kennamuu isaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Fooyya’iinsi miindaa kun hojjettoonni mootummaa hojii isaanii sirnaan raawwachuu fi tajaajila gahaa fi ariifataa kennuudhaan itti gaafatamummaa isaanii dachaan akka ba’an kan dandeessisudha jedhan, Komishinarichi.
Fooyya’iinsa miindaa hordofuun daldaltoota sababa malee gatii dabalan mootummaan ciminaan hordofuun tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu qajeelfamni kennamuusaa Komishinichi beeksisuu isaanii gabaasameera