Dargaggoon ispookiyoo konkolaataa hate hidha waggaa 8 fi baatii 4 adabame

You are currently viewing Dargaggoon ispookiyoo konkolaataa hate hidha waggaa 8 fi baatii 4 adabame

AMN PLUS- Waxabajjii 18/2017

Dargaggoon maqaan isaa Asimaamoo Abbabaa jedhamu konkolaataa garaagaraa 2 irraa ispookiyoo hatuun hidha waggaa 8 fi baatii 4’n adabamu poolisiin finfinnee ibseera.

Gochichi kan raawwatame Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa Aanaa 4 bakka addaa naannawaa kondoominiyeemii massaalamiyaa jedhamutti tahuun eerameera.

Namni dhuunfaa maqaan isaa eerame konkolaataa v8 koodii 4-32128 ET qabeenyummaan isaa kan komishinii gumrukaa fi konkolaataa biroo voolsi waagaan ID6 koodii 2-15683 AA qabeenyummaan isaa kan nama dhuunfaa aadde Kadijjaa Yaasin tahe irraa ispookiyoo baasee osoo miliquuf jedhuu hordoffii poolisiin taasiseen to’atamuu qajeelchi poolisii kutaa magaalaa Addis Katamaa ibseera.

Akka ragaan poolisii magaalaa finfinneerraa argame ibsutti ispookiyoon lameen hataman tilmaama birrii kuma 130 kan baasudha.

Ragaan poolisiifi abbaa alangaa nama dhuunfaa gocha hannaa raawwate irratti qindaa’uun erga dhiyaate dhaddachi ramaddii 3ffaa mana murtii sadarkaa jalqabaa Addis Katamaa oolmaa gaafa guyyaa 13/10/17 ttin hidha waggaa 8 fi baatii 4 itti murteessu ragaan poolisii magaalaa Finfinnee irraa argame ni mul’isa.

Yakkootni kana fakkaatan magaalatti bakkeewwan garaagaraatti raawwachuu waan malaniif hawaasni of-eeggannoo guutuu taasisaa, shakkii waan qaburratti qaamolee nageenyaaf eeruu kennuun tumsa barbaadamu akka taasisuus poolisiin finfinnee waamicha dabarseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply