‎Dargaggootni Faddaaltotaan gowwomfamanii godaansa seeraan alaatiif saaxilamuu hin qaban – Obbo Araarsoo Biqilaa

You are currently viewing ‎Dargaggootni Faddaaltotaan gowwomfamanii godaansa seeraan alaatiif saaxilamuu hin qaban – Obbo Araarsoo Biqilaa

‎AMN PLUS – Hagayya 15/2017

‎Dargaggoota sababa hojii barbaachaaf karaa seeraan alaa daangaa qaxxaamuruun gara biyyoota birootti godaanan irratti gaaga’ama lubbuufi mancaatii qabeenyaaf saaxilamaa akka jiran Biiroon Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Oromiyaa beeksisee.

‎Hoogganaan Biirichaa Obbo Araarsoo Biqilaa godaansi seeraan alaa gaaga’ama lubbuu, miidhaa qaamaafi mancaatii qabeenyaa qaqqabsiisuun nama dhuunfaa bira darbee biyya kan miidhu akka ta’e ibsanii jiru.

‎Dargaggeessi jijjiirama biyyaa dhugoomsuu keessatti bakka olaanaa qabuufi abdii egeree biyyaa ta’e, faddaaltotaan gowwoomfamuun godaansa seeraan alaatiif saaxilamuu irraa of qusachuu akka qabu obbo Araarsoon himaniiru.

‎Mootummaan rakkoo godaansa seeraan alaatiin mudachaa jiru maqsuuf hojjachaa jiraachuu ibsuun, godinaalee Saddeet (😎 rakkoo kanaaf saaxilaman qorannoon adda ba’an irratti xiyyeeffannoo guddaan kennamee akka hojjatamaa jirachuu Odeeffannoon Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa AMN Digital’f erge ni mul’isa.

‎Obbo Araaraoon dargaggootni aadaa hojii tuffachuu keessaa bahanii carraa biyya keessa jirutti fayyadamuun dinagdeen of ijaaruun maatiifi biyya isaaniif wabii ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

‎Gama biraatiin, lammiileen karaa seera qabeessa ta’een biyya alaa deemanii hojjachuu kan danda’aniifi kanaaf immoo leenjii hojiin duraa fudhachuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply