Deggersi dubartootaaf taasifamu rakkoo hawaasummaa dubartootaa furuu waan danda’uuf xiyyeefannnaan hojjatamaa jiraachuun isaa ibsameera.
Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Gullalleetti dhaabbatni ”Bright Star Releaf and Development Association” jedhamu dubartoota giddu galeessa nyaachisaa keessa turaniif hojii mataa isaanii akka uummatan eelee buddeen ittiin tolchanii fi meeshaa chiipsii ittiin hojjatan deggersa taasiseera.
Bifuma wal-fakkaatuun seera kabachiistotaaf meeshaalee boqonnaaf oolaniifi miseensota poolisiif deggersa meeshalee waajjiraa taasiseera.
Walitti qabaan dhaabbatichaa Gizaachaw Aayikaa (PhD), deggersi dubartootaaf taasifamu rakkoo hawaasummaa jiraattotaa hiikuuf tahuu himanii, deggersi kun qaama sagantaa tola ooltummaa guyyaa 90 akka ta’es itti dabaluun dubbataniiru.
Bulchiinsi magaalichaa dubartoonni giddu galeessa nyaachisaa jiran akka of-danda’aniif kan hojjetaa jiru ta’uu Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Qoonjit Dabalaa himaniiru.
Dabalataanis, hojiin jalqabame kutaalee magaalichaa hundatti hojii irra akka oolu dubbataniiru.
Walitti Qabduun Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa Mana Maree Bulchiinsa Magaalichaa Aadde Soofiyaa Alamuu rakkoo hawaasummaa uummatichaa hiikuuf hojiin tola ooltummaa akka jajjabeeffamu ibsaniiru.
Kutaaleen hawaasaa deggersi godhameef tokko tokko deggersichi jireenya isaanii jijjiiruuf akka gargaaru himanii gara fuula-duraattis cimanii kan hojjetan tahuu dubbataniiru.
Alamuu Ilaalaatu gabaase.