Dhaabbanni Konkolaataa kireessuufi misooma koridarii Kaazaanchiis irratti miidhaa hordofsiise birrii kuma 100’n adabame

You are currently viewing Dhaabbanni Konkolaataa kireessuufi misooma koridarii Kaazaanchiis irratti miidhaa hordofsiise birrii kuma 100’n adabame

AMN PLUS Caamsaa 04/2017

Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Qiirqoositti Dhaabbanni Konkolaataa kireessuufi bu’uuraalee misooma koriidarii irratti miidhaa qaqqabsiise birrii kuma 100 adabamuu Waajjirri Dambii Kabachiisuu kutaa Magaalichaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Daanyee Hirphaasaa AMN Diijitaal Miidiyaatti akka himanitti konkolaachisaan Caamsaa 02/2017 Kutaa magaalaa Qiirqoos Aanaa 8 galgala naannoo sa’aatii 2 irratti misooma kaazaanchiis irratti miidhaa qaqqabsiisee miliquu danda’eera.

Haata’u malee dhaabbanni Konkolaataa kireessu eeruu uummataa tiin bira gahaamee Caamsaa 04/2017 waajjira Dambii Kabachiisuu kutaa Magaalichaatti qaamaan dhihaatee birrii kuma 100 adabamuufi dhiifama gaafachuu himan.

Konkolaachisaan yeroof argamuu baatus seeraan hordofamaa jira.

Kutaa magaalaa Qiirqoositti baatiiwwan sagal darbanitti konkolaachistoonniifi qaamoleen misooma kooriidarii irratti miidhaa hordofsiisan birrii miiliyoona 20 oli adabamuu himan.

Konkolaachistoonniifi hawaasni magaalichaa bu’uuraalee misooma koriidarii kunuunsuun irraa eegama kan jedhan Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Daanyee Hirphaasaa warreen karaa hin malleen qabeenya uummataafi mootummaarratti miidhaa qaqqabsiisanii miliquu barbaadan hawaasni hordofee saaxiluufi seeratti dabarsee kennuu qaba.

Wandimmaagany Asaffaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply