Dhaabbileen dhangala’aa xuraa’aa gara lagaatti lakkisan birrii kuma 600 adabaman

You are currently viewing Dhaabbileen dhangala’aa xuraa’aa gara lagaatti lakkisan birrii kuma 600 adabaman

AMN PLUS -Onkoloolessa 1/2018

Dhaabbileen lama dhangala’aa xuraa’aa gara lagatti gadi lakkisaan tokkoon tokkoon isaanii Birrii kuma 300, walumaa galatti Birrii kuma 600 adabaman.

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinee akka beeksisetti kuuta magaalaa Nifaas Siilk Laaftootti Warshaan Rooyaal Karameellaa fi DMC Riil Isteetiin dhangala’aa xuraa’aa balaafamaa warshicha keessaa seeraan ala gadi lakkisaanii kan argaman yoo ta’u, Dambii Misooma Qarqara Lagaa fi Ittisa Faalamaa Lakk.180/2017tiin adabamaniiruu.

Dhangala’aa xuraa’aa balaafamaa kun bakka misoomni koridaarii buulchiinsa magaalichaa itti misoomsaa jiru, Jaamoo, Aanaa Labuu fi Aanaa 12, waliinii ta’e, gara laga Arsemaatti, kan gadi lakkisaamee ta’uu gabaafameera.

Abbaan taayitichaa yeroo ammaa kana akkaataa Sagantaa Misooma Qarqara Lagaatiin misoomsuun jiraattota magaalichaaf mijataa fi hawwataa taasisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply