Dhaabbileen lama lageeniifi naannoo faalan birrii kuma 600’n adabamuu Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Dhaabbileen Kunneen lagaafi naannoo faaluu isaanii Hoji Raawwachiisaa Ol’aanaan Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Kumalaa Zarihuun Tafarraa himaniiru.
Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 08 iddoo addaa Yirgaahayileetti waldaan dhaabbata dhuunfaa gamoo Sikkeet jedhamu rooba dahoo godhachuun dhangala’oo mana fincaanii gadi lakkisuun naannoo kan faale birri kuma 300’n adabamuun ibsameera.
Haaluma wal-fakkaatuun Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Aanaa 03tti Dhaabbanni Mana Ijaarsaa Nohi jedhamu xuraawaa lagatti gatuun birrii kuma 300n adabamuunis ibame.
Dhaabbilee kanneeniif kanaan dura hubannoon kennamuus dambii kabajuu hin dandeenye.
Lolaa rooba gannaa dahoo godhachuun namootaafi dhaabbileen xuraawaa gadi lakkisan akka of qusatan Kumalaa Zarihuun eeraniiru.
Xuraawaa jajjaboon bo’oo dhangala’aa dabarsu cufuun lolaa uumuu waan danda’uuf gocha kanarraa of qusachuu akka qabanis Ibsameera.
Jiraattonni magaalaa Finfinnees namootaafi dhaabbilee dambii cabsan yoo argan odeeffannoo kennuun dirqama lammummaa isaanii bahuu akka qabanis dhaamameera.