Naannoo Amaaraa Godina Kibba Walloo Aanaa Tentaatti dhagaa guddaa gaara irraa konkolaate manarratti jigeen lubbuun namoota afurii darbuu Kominikeeshiniin Aanichaa ibse.
Balichi Hagayya 10/2017 halkan keessa kan mudate yoo ta’u, miseensota maatii qonnaan bulaa tokkoo namoota afur galaafachuun beeyladoota manaa hedduu ajjeesuu Hogganaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Tentaa Obbo Warqinaa Malaakuu himaniiru.
Haga ammaa reeffa nama tokkoo qofaa baasuun akka danda’ameefi warra hafan baasuuf hawaasni tumsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhagaan manarratti jige kun baayyee guddaa waan ta’eef reeffa hafe baasuuf danqaa akka ta’e eeraniiru. EBC