Pirezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, dhaloonni har’aa dhaloota addaa seenaa hojjechaa jiru ta’uu ibsan.
Obbo Awwaluun xumuramee eebbifamuu ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa hordofee sosochii qaamaa hooggantootnifi hojjettootni Mootummaa Naannoo Oromiyaa taasisan irratti argamuun, “Dhalootni tokko seenaa kan himu, seenaa kan barreessuufi seenaa kan hojjetu waan ta’eef dhaloonni har’aa seenaa dhaloota boonsu hojjachaa jirudha” jedhan.
Uummanni Oromoo aarsaa dhiigaa, dafqaa, imimmaanii, akkasumas qabeenya isaa, humnasaa, beekumsaafi dandeettii isaa qindeessuun Hidha Haaromsaa milkeessuun injifannoo addaa akka galmeesse dubbataniiru. dubbataniiru.
Dabalataanis, uummanni Oromoo adda isaa, humna isaa qabeenya isaa gara misoomaatti deebisuun kutannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu himuun, aggaammii alaafi keessaa isatti dhufu waloon injifachuu danda’uu ibsuu isaanii odeeffannoon BKO irraa argame ni mul’isa.