Dhiibbaa pilaastiikaa ittisuuf mariin adeemsifamaa ture waliigaltee malee xumurame

You are currently viewing Dhiibbaa pilaastiikaa ittisuuf mariin adeemsifamaa ture waliigaltee malee xumurame

‎AMN PLUS -Hagayya 9/2017

‎Jenevaatti mariin dhiibbaa pilaastiskaa hir’isuu irratti xiyyeeffatee guyyaa 10’f adeemsifamaa ture waliigaltee tokko malee xumurameera.

‎Bara Faranjootaa 2022tti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Sagantaa Eegumsa Naannoo jalatti Senegaal Daakaaritti yaadi isaa dhiyaatee Uraagaayitti mariin isaa eegalame yeroo 5 mariin isaa adeemsifamuyyuu hanga ammaatti waliigaltee waloo irra gahuu dhabuun gudunfaa hin arganne.

‎Waliigaltichi bara 2025 tti yaada gudunfaa argata jechuun Siwiizarlaand Jenevaatti adeemsifamaa guyyaa 10’f turullee waliigaltee irra gahuu dhabuun hirmaattota biratti komii kaaseera.

‎Waliigaluu dhabuu isaaniif yaadotni wixinee haaraa gahee isaanii ba’achuu Rooyitarsi gabaaseera.

‎Yaadi wixinee oomishaalee pilaastikaa daangessu, keemikaalotaa fi qabiinsa meeshaalee dhabamsiifamanii, irra deebiin fayyadamuu fi deggarsa biyyoota guddataa jiranii irratti ejjennoo dadhabaa kan qabatedha jechuun biyyoota gidduutti waliigalteen dhabaneera.

‎Liyaat Kaasaahutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply