Dorgommiin Aartiifi Kalaqaa Biyyaalessaa 2ffaan agarsiisa daandii irraa garaa garaan eegalameera.
”Aartiin Missiraachoo Bayyanachuu Itoophiyaaf” mata-duree jedhuun dorgommiin guyyoota itti aanan sadiif gaggeeffamu kun Agarsiisa daandii Itiyoo-Kuubaa hanga Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti taasifameen eegalameera.
Sagantaan Dorgommichaa ijoon Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti akka jalqabamu ibsameera.
Ayinaalam Abbaayinah’tu gabaase