“Du’aa ka’uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha” Pirezidaant Shimallis Abdiisaa

You are currently viewing “Du’aa ka’uun Yesuus kakuu haaraa ilmaan namootaaf kan ijaaredha” Pirezidaant Shimallis Abdiisaa

AMN PLUS – Ebla 11/2017

Ilmi namaa gaarummaafi ho’a uumaa isaa dagachuun gowwomsaa Daabiloosiin toosifamee abboommii Waaqayyo isaaf dhaabe cabsuun duuti bara baraa balbala dhaloota hundumaa akka dhaale macaafni Qulqulluun dhugaa nuuf ba’eera. Seerri uumaan ilmaan namootaaf dhaabe cabuu isaatiinis ayyaanni Waaqaa ilmaan namootaa irraa godaane.

Gocha badaa fuula waaqaatti raawwateenis Addaam Jenneta Edenii baafamee gatii cubbuu du’a safarachuun jooraafi jaawwaraa ta’ee jiraachuu itti fufe. Faallaa kakuu ganamaa jireenya Jannataa dhabee imala gara Jaannamaafis kaadhimame. Abbaan shirichaa ergamaan of tuulummaan kufe Daabiloosis karoora isaan ni milkaa’e.

Taatee gaddisiisaa kana hordofee ilmi namaa boqonnaarra dadhabbii, gammachuurra gadda, milkaa’inarra kufaatii, jaalalarra jibbaafi jireenya inaaffaan guute jiraachuu itti fufe. Waaqni ulfinaan guutuus nama fuula isaatii bade barbaacha sagalee raajii kakuu ilmaan namootaa gara Jannataatti deebisuuf gale raawwachuuf bifa namummaa uffatee dhalachuun hanga du’a Fannootti jaalala qabus gochaan dhugoomseera.

Icciitii jaalalaa hanga du’a Fannootti Yesuusiin geesse duubas amalaafi gocha Daabiloosiin kan guutame gantummaan Yihudaa kan jiru yoo ta’u, raawwachiiftonni shirichaas Faarisotaafi barsiisota seeraa ture. Kunis lallabni, barsiifniifi dinqiin Yesuus hojjechaa jiru humnaafi jabinaan mul’achaa namoota birattis fudhatama olaanaa argachaa dhufuu isaatiin inaaffaan guutamuu isaanirraa kan maddedha.

Dhiitaafi kabalaa, itti tufaafi hadhooftuu obaasaa, daddarbaachaafi itti ga’iisaa qabanii gara Fannootti isa muddan. Yakkamaa Fannoorraa buusuunis qooda isaa Yesuus fannoorratti ajjeefame. Awwaalli isaa dhagaan cufamee mallattoonis mallatteeffamee eegdotaan eegsifamee ture.

Inni garuu akkuma jedhe gaafa guyyaa Sadaffaa dhagaa garagalchee awwaala duwwaatti hambisee seenaan du’aa ka’uu awwaalaan ol akka jiraatu taasiseera. Jaalala dhugaa gochaan mul’isee du’ee du’aa ka’uu isaatinis arfii du’aa burkuteessee imala ilmaan namootaa Jaannama irraa gara Jennataatti deebisuun ofitti araarse.

Daabiloos gaafa Jimaata dhaadatee moo’icha isaa labsuus gaafa Dilbata qaana’ee salphina haguuggachuun lafa seenu dhabee; shira isaa waliinis saaxilameera. Yesus abdii deebi’ee baduu hin dandeenyeen Kakuu haaraa dhaabee jireenya bararaafis ilma namaa kaadhimaamaa erga taasisee har’a waggoonni 2017 lakkaa’amaniiru.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Naannoofi biyya keenyaa hundi baga guyyaa seena qabeessa yaadannoo du’aa ka’uu Yesuus kan bara 2017 nagaan geessan baga waliin geenye jechuun barbaada.

Duudhaa gaariin jaalala, tokkummaa, waldhaga’uufi waldanda’uun har’a naannoofi biyya keenyaaf akka dawaatti kan barbaachisudha. Cabiinsi sirnaa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa maraammartoo shiraan guutameen kufaatii keessummeessaafi walharkaa fuudhinsa sirna qeenxeetiin ijaaramaa kan dhufedha.

Maraammartoo walwaraansaafi boodatti hafummaa aadeffame keessaa dhalootni dammaqee dhiifamaan ida’amee jaalalaan gara badhaadhina waaraatti akka ce’uuf mootummaan barii jijjiiramaa irraa eegalee kutannoon hojjechaa jira. Kanaafis boqonnaa walwaraansaa cufaa nagaa waareessuun badhaadhina eegalame sirnaan milkeessuuf waadaanis gochaan dhugoomaa jira.

Shirri danuun imala badhaadhinaa danqee karaa dhaabuuf keessaafi alaan kiyyeeffame deebi’ee ka’uu akka hin dandeenyetti humna tokkummaa sabdaneessaatiin bu’uurri isaa burkutaa’eera. Haata’u malee, kuufamoonni qormaattotaa caaseffama gad fagoo kan qabaniifi walxaxoo ta’uu isaanii irraa kan ka’e caaseffama dhokatoo qorachuun sirreessaa, obsaan guutamnee dogoggooroota bifa tarsiima’aan maksaa biyya badhaate hundaan hundaaf hundarraa ijaaraa jirra. Kanaanis qormaattota injifachaa milkaa’inoota ajaa’ibsiisaa galmeessuu eegalleerra.

Ejjennoon akka mootummaatti qabnu diimokiraasii bu’uuressuu, nageenya waaressuufi badhaadhina milkeessuudha. Garaa garummaa ilaalchaan kan wal takaallu osoo hin taane mareef marabbaatti kan amannu olaantummaa yaadaan kan hogganamnu ta’uu dhugoomsaa jirra.Walqixxummaa Amantaalee bu’uura heera biyya keenyaatiin ragga’ee jiru qabatamaan gochaatti akka hiikamuufi lammileen bilisummaa argatanitti akka fayyadamaniif ni hojjetama. Duudhaan wal danda’uu, waliin jiraachuufi waloomni akka gabbatuufis xiyyeeffannoon kennameera; milkaa’innis argameera.

Kabajamtoota uummata naannoo keenya amantaan hunduu aadaa hojii gaarii kan jajjabeessuufi badhaadhinas kan ijaarudha. Mootummaan keenyas duudhaa gaariifi bu’uura jabaa ijaarsa biyyaa olkaasu amantaalee keessatti argamu jajjabeessuun imala gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti taasifamu galmaan ga’uuf hojjechaa jirra.

Dinagdee damdaneessa hojiirra oolchineenis daandii milkaa’inaa kan eegalleefi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf roga hundaan waadaa gochaan dhugoomsaa jirra. Damee hawaasummaatiinis cabiinsa rogdaneessa qolannee hawaasa fayya buleessaafi adda hundarratti dorgomaa ta’e uumuuf hojiin hojjetamaa jiru guddaa milkaa’inni argames dachaadha.

Uummata keenya waliin qindoofnee hojjechuun qormaata hunda ni injifanna; badhaadhina eegalles ni milkeessina. Nageenya naannoo keenyaa waaressuu eegalle bu’uura jabaa irratti ijaaruuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jira. Dhaabbileen Amantaa naannoo keenyaas gumaacha isaan irraa eegamu taasisuu qabu.

Dhumarrattis wayiita ayyaanni du’aa ka’uu kabajamu kan daare uffisuu, kan beela’e nyaachisuu, kan dhukkubsate gaafachuun jaalala, tokkummaa, nagaafi araara olkaasuun ta’uu akka qabu hawwii gaarii qabun isiniif dhaama. Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u!

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nu gargaara.

Shimmallis Abdiisaa

Ebla 11/2017

Finfinnee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply