Dubartoonni Miseensa Caffee Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan

You are currently viewing Dubartoonni Miseensa Caffee Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan

AMN PLUS Adoolessa 14/2017

Dubartoonni Miseensa Caffee magaalota, godinaaleefi aanaalee Oromiyaa garagaraarraa dhufan 230 oli Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Dubartoonni daawwannicharratti argamanis kennaawwan garagaraa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaaf gumaachaniiru.

Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti Daareektarri Kominikeeshinii Obbo Naziif Jamaal dubartoonni godinaalee Oromiyaa garagaraarraa dhufan godambaa yaadannoo injifannoo Adwaa daawwachuusaaniitti kan gammadan ta’uu AMN Dijitaal miidiyaatti himaniiru.

Godambaa yaadannoo injifannoo Adwaa daawwachuun keenya Itoophiyummaa, eenyummaa fi tokkummaa akka arginu nu taasisa jedhan.

Dhaloonni haaraan godambaa yaadannoo injifannoo Adwaarraa seenaa hedduu barata.

Wandimmaagany Asaffaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply