Dubartoota gara hooggansa sadarkaa olaanootti fiduun muuxannoo babal’achuu qabuudha jedhame.

You are currently viewing Dubartoota gara hooggansa sadarkaa olaanootti fiduun muuxannoo babal’achuu qabuudha jedhame.

‎AMN PLUS- Hagayya 06/2017

‎Dubartoota gara sadarkaa hooggansa olaanootti fiduun muuxannoo gaarii babal’achuu qabudha jedhan, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Itti Gaafatamtuun Damee Hooggansa Siyaasaafi Hirmaannaa Dubartootaa Aadde Dasseet Abbabaa.

‎Itti Gaafatamtuun kun qorannoo sadarkaa addunyaatti taasifameen Itiyoophiyaan dubartoota sadarkaa hooggansa olaanootti fiduu irratti muuxannoo gaarii qabdi jedhan.

‎Hirmaannaa siyaasaa dubartootaa daran guddisuuf dhaabbanni isaanii ijaarsa dandeettii irratti hojjechaa jiraachuu isaa itti dabaluun ibsanii jiru.

‎Aadde Dasseet, Itoophiyaan filannoo biyyoolessaa bara dhufu gaggeessuuf jirturratti hirmaannaa siyaasaa dubartootaa dabaluu hojiiwwan dandeessisan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

‎Hirmaannaa siyaasaa dubartootaa daran guddisuuf dhaabbanni isaanii ijaarsa dandeettii irratti hojjechaa jiraachuu isaa itti dabaluun ibsanii jiru.

‎Aadde Dasseet, Itoophiyaan filannoo biyyoolessaa bara dhufu gaggeessuuf jirturratti hirmaannaa siyaasaa dubartootaa dabaluu hojiiwwan dandeessisan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

‎Fayyadamummaafi hirmaannaa dubartoonni gama hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa keessatti qabaniif barnoonni murteessaa tahuu isaa Deetaan Ministiraa Ministeera Barnootaa Ayyelach Ishatee ibsanii jiru.

‎Yeroo jijjiiramaa kana keessatti dubartoonni barnoota sadarkaa duraa, sadarkaa 1ffaafi sadarkaa 2ffaa akka argataniif hojiin hojjetame bu’aa argamsiiseeras jedhaniiru.

‎Haa ta’u malee, dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti hirmaannaa dubartootaa caalaatti guddisuuf ammallee hojiin hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

‎Dubartoota gara fuulduraatti fiduun rakkoo kana furuu akka dandeessisu Deetaan Ministira Ministeera Aadaa fi Ispoortii Nafiisaa Almadim ibsaniiru.

‎Pireezidaantiin Waldaa Dubartoota Daldalatoota Itiyoophiyaa Aadde Barakat Warquu gama isaaniitiin, fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf, dubartoota hojii daldalaatti seenaniif kallattii agarsiisuun akka barbaachisu dubbatanii jiru.

‎Caasaa mootummaa cimaa ijaaruuf dhaloota namuusa qabu bakka buusuuf gaheen dubartootaa olaanaa ta’uu qabas jedhameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply