Dureeyyiin Yuunaayitid Kingidam carraalee Investimantii mijataa Itiyoophiyaatti fayyadamuun invast akka godhan Ministir Deetaan Dhimma Alaa Ambaasaaddar Midgaanuu Argaa waamicha dhiheessan.
Fooramiin invastimanatii Itiyoo-Yuunaayitid Kiingidam Landanitti adeemsifameera.
Foramii kana Imbaasii Yuunaayitid Kiingidamitti argamuu fi kaampaanii Inistiitiyuut of Daayirektarsi Afriikaa Giruup jedhamutu waliin qopheesse.
Foramichi carraalee Investimantii Itiyoophiyaa beeksisuu fi hariiroo dinagdee Itiyoophiyaa fi Yunayitid Kiingidam cimsuuf kan akeekamedha.
Jilli Itiyoophiyaa Ministir Deetaa Ministira Dhimma alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan durfamu foramicharratti hirmaateera.
Haala mijataa Invastimantii Itiyoophiyaatti guddachaa jiru ilaalchisuun ambaasaaddar Misgaanuun ibsa kan taasisan yoo ta’u kaampaaniiwwan Yuunaayitid Kiingidam dandeettii Itiyoophiyaan qabdu akka ilaalan waamicha taasisaniiru.
Komishinarri komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Zallaqaa Tamasgeen (Dr.) ergaa karaa intarneetii dabarsaniin, seeraa fi riifoormiiwwan dhaabbilee Itiyoophiyaan Invastaroota biyya alaa caalaatti akka hawattu taasisan ibsaniiru.
Itti aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa Itiyoophiyaa Invastimant hooldiingis Malakat Saahiluu carraalee deeggarsaa fi tumsaa dureeyyiin Yuunaayitid Kiingidam Itiyoophiyaatti Invast yoo godhan argatan ilaalchisuun ibsa taasisaniiru.
Hooggantoonnii fi bakka bu’oonni kaampaanii Infoormeeshin Teeknooloojii Kaagol jedhamu haala qilleensaa mijataa fi haala gabaa Itiyoophiyatti Invast gochuun argate hirmaattota foramichaaf yaadasaanii qoodaniiru.
Yuunaayitid Kiingidamii fi Kaaba Ayerlaanditti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Buruuk Mokonnin dureeyyiin Yuunaayitid Kiingidam carraalee Invastimantii Itiyoophiyaan qabdutti akka fayyadaman waamicha dhiheessaniiru. Tajaajila oduu Itoophiyaatu gabaase.