Duudhaalee aadaa Oromoo osoo hin qisaasa’in dhalootatti dabarsuun akka barbaachisu Abbaan Gadaa Lataa Birraa hubachiisan.
Duudhaalee ibsituu aadaa oromoo araaraafi nageenya, jaalalafi tokkummaa dhalootaf dabarsuun nama hundarraa akka eegamu Miseensa Saglii Gadaa Tuulamaatti Abbaan sa’aa Lataa Birraa yaada AMN Dijitaalif kennanin ibsaniiru.
Sabaafi sab-lammoonniifi ummattoonni biyyattii duudhaalee Irreechaa kan ta’an araara, nageenya, jaalalaafi tokkummaaf iddoo guddaa kan qaban ta’uudha ibsan.
Ibsituu ummata Oromoo kan ta’e Sirna Gadaafi Irreecha osoo duudhaalee isaa gadi hin dhiisin dhalootaf dabruu akka barbaachisus dubbataniiru.
Duudhaaleen Sirna Gadaafi Irreechi aadaa ummata Itoophiyaas waan hammatuuf sirritti kununsuun dhalootaaf dabarsuun akka barbaachisus Abbaan Gadaa Lataa Birraa hubachiisaniiru.
Ayyaanni Irreechas duudhaalee kanneen kan cimsu waan ta’eef kabaja ayyaana baranaas araara, nageenya, jaalalaafi tokkummaan akka kabajamuuf dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootiin