‎Eegumsi Poolisii Haroo Nigaatitti eegalameera- Komishiinii Poolisii Federaalaa.

You are currently viewing ‎Eegumsi Poolisii Haroo Nigaatitti eegalameera- Komishiinii Poolisii Federaalaa.

‎AMN PLUS -Fulbaana 13/2018

‎Yaaddoo nageenya qaama bishaanii gahuumsan eeguuf, eegumsi poolisii bishaan irraafi qarqara Haroo Nigaati eegalamuu isaa Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Dammallaash G/Mikaa’el beeksisaniiru.

‎Yakkaa dursanii ittisuufi yoo raawwatames gahuumsan qolachuuf kan dandeessisu dhaabbanni Poolisii Ammayyaa’an ijaaramaa akka jiru Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el ibsaniiru.

‎Poolisiin nageenya lammiilee haala amansisaa ta’een eeguf qindoomina adda addaa uumuun hojii isaanii seeran bahachaa akka jiranis dubbataniiru.

‎Isaan kana keessaa ageenya qaama bishaanii mirkaneessuu kan dandeessisu eegumsa bishaan irraafi qarqaraa (koostaal gaardi) kan jedhamu caasaan Poolisii gurmaa’u isaa eeraniiru.

‎Koostaal gaardi bidiruuwwan motoora ammayyaa’a kan qaban yoo ta’an haroofi qaama bishaanii biroo irratti yaaddoo nageenyaa uumamu danda’u ittisuufi gahuumsan deebii kennu akka danda’anis ibsaniiru.

‎Miseensonni damee Koostaal gaardii Poolisii Federaalaa leenjii gahaa ta’e kan argtaniifi beekamtii addunyaa kan qabanidhas jedhaniiru.

‎Bidiruuwwan motoora ammayyaa kunneen kameeraafi sistaama raadaarii kan qaban ta’uu isaanii Komishinarri Jeneraal Dammallaash ibsaniiru.

‎Bidiruuwwan kunneen sochii seeran alaa kamiyyuu qaama bishaanii irratti raawwataniif yaaddoo nageenyaa gahuumsan to’achuu akka danda’an dubbataniiru.

‎Hidhi Haaromsaa guddichi Itoophiyaas hojii akka jalqabe yaadachiisuu isaanii TOI gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply