Leenjisaan Baayern Liiverkusen Eriik Teen Haag hojii tapha lama booda irraa ari’amuun beekame.
Leenjisaan Maachister Yuunaayitid duraanii Eriik Teen Haag leenjisaa Baayern Liiverkusen duraani Zhaavii Aloonsoo bakka bu’uun leenjisuu kan eegalan hojii irraa gaggeeffamaniiru.
Teen Haag tapha Bundisliigaa lama taphatan keessaa tokko qixa bahuun tokko ammoo kan mo’aman yoo ta’u amma garuu hojii irraa gaggeeffamuu isaanii ‘Sky Sport’ fuula X issaa irratti ibseera.
Tolasaa Mabraateetiin