Ethio-CERRT Dorgommii Saayibarii Idil-Addunyaa injifate

You are currently viewing Ethio-CERRT Dorgommii Saayibarii Idil-Addunyaa injifate

‎AMN PLUS- Fulbaana 9/2018

‎Ethio-CERRT dorgommii Saayibarii biyyoota Afrikaa, Giddu Galeessa Bahaafi Biyyoota Miseensaa Tumsa Arabaa jidduutti gaggeeffame injifate.

Dorgommichi Gahumsa Ittisaafi Faccisa Saayibarii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, ‎biyya Morookoo magaalaa Raabaatitti akka geggeeffame Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo beeksiseera.

Ethio-CERRT wal dorgommii yeroo 13ffaaf adeemsifame irratti morkattoota isaa hundumaa injifachuun Sadarkaa 1ffaatiin xumureera.

‎Bulchiinsi Nageenya Odeeffannootti Giddugalli Balaa Saayibarii Dursanii Akeekkachiisuufi Ittisuu (Ethio-CERRT) walabummaa sosochii dijitaalaa biyyattii eegsisuuf torban guutuu, sa’aatii 24 of eeggannoon kan hojjatu yoo ta’u, bu’aan argame hojiilee kanarra fooyya’aniif kan kakaasu ta’uu himameera.

‎Dorgommii kana irratti dhaabbileen Nageenya Saayibarii 30 ol yoo hirmaatan, Ethio-CERRT 1ffaa, Kaazaakistaan 2ffaa, Paaskistaan 3ffaa fi LY Cert 4ffaa akkasumas Igipt 5ffaa ta’uun xumuruu isaanii INSA’n beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply