AMN PLUS- Qaammee 5/2017
Shinooyyee/ Ingiccaa/ habaabilee/Allaaduu darbaan bakkaa bakkatti maqaa kanneenin haa waaman malee hunduu taphuma waqtii gannaa xumuruun bara haaraatti cehuun birraa simachuuf shamarraniin taphatamudha.
Taphni kun ijoollee dubraatiin taphatama. Shamarran rifeensa isaanii dhahatanii uffata haaraa bitatan kaawwachuun faaruufi weedduu adda addaatiin manaa mana irra deemuun taphatu.
Shinooyyee/habaabileen ijoollee dubraa qofaan kan taphatamu yoo ta’u warra heeruman hin dabalatu. Allaaduu darbaan duudhaa aadaa kan of keessaa qabu sirna mataa isaa qaba.
Guyyaa kabaja shinooyyee/Ingichaa guyyaa tokko dursuun afoo galgalaa ykn yeroo biiftuun seenuuf jettu ijoolleen dubraa gareen bahuun allaaduu/qunnii daraarte buqqiffatu. Kunis “Allaaduu buqqiffannaa” jedhama. Guyyaa allaaduu/qunnii buqqiffannaa kanas akkana jechuun faarfatu.

“Allaaduu buqqiffannaa allaaduu buqqiffannaa
Gurguddoon nurraa yaatee xixxiqqoo guddiffannaa”
Jechuun dubri geessee heerumte akka tapha kana irra hin jirre yaadachisaa ijoollee xixxiqqoo taphachuu gahan akka ofitti dabalan himuu isaanii agarsiisa faaruu kun.
Qunniin/Allaadduun seera qabdi, mallattoo dubartiiti jedhan Hayyuun Hordofaa Damissee. Kanaaf dubartiin guyyaa ayyaana qaammee kana ijoolleen dubraa qunnii daraarte hamma harki isaanii baachuu danda’u buqqiffatanii harkatti qabachuun warra dhaqan hundatti irreeffatu.

Allaadduu darbaas jalqaba warra ulfoo biraa eebba fudhachuun jalqabu.
Sana booda mana hundarra deemuun guyyaa kana kabaju.
Bakka deemanitti maaddii fi mijuun ni qophaa’aaf.
Ayyaanni kun kan dubartootaa ta’us warri dhiiraas duuba isaanii deemuun ho’isanii taphatu.
Taphni kunis adeemsa mataa isaa kan qabu yoo ta’u ijoolleen dubraa tarreen wal qabatanii faaruu habaabilee jechaa deemuun mana warra dhaqanniitti ol seenu. Ijoolleen dhiiraa ammoo duuba isaanii dhiichisaa/sirbaa faana fiigu.
Ijoolleen dubraas akkas jechuun faarfatu.
“Yaa habaabilee doolee Yaa habaabilee doolee
Nuur jennee yaa ulfootoo (yaa haadha mana kaana x2)
(Nuur jennee yaa ulfootoo x2) (Micaa karrarraa saaqii x2)”

Jechuun faarfachaa gara manaa ol seenu. Kun kan agarsiisu mucaa dhiiraa wadaajii dhungachuuf karrarra jiru akka jalaa deemuuf dhaamsa dabarsu jechuudha.
Kabaja ayyaana shinooyyee kana keessa sirna wadaajiitu jira.
Innis kan ijoolleen jaalala waliif qaban ittiin ibsatan malee kan wal jaallatanii hanga fuudhaafi heerumaatti deemu miti jedhan Hayyuu Hordofaa Damissee.
Walumaa galatti shinooyyee/Ingiccaa/Habaabilee/Allaadduu darbaan dubartiin kabajamuus ijoolleen dhiiraa duuba deemu waliinis ni kabajatu.
Qunnii harkatti qabachuun yoo deeman warri bira dhaqan erga maaddii dhiyeessuuf. Nyaatanii dhuganii erga raawwatanii booda ijoollee dubraatu “sa’aa namaan dararaa, sanyiin dararaa…” jedhee eebbisuun qunnii ykn allaadduu daraartee san irreeffachuun deemu.
Shinooyyeen magaalaa Finfinnee keessatti haala miidhagaa taheen taphatamaa kan jiru yoo tahu, aadaan kun kunuunfamee akka dhaloota egereef cehutti akka hojjatamus dhaamsi darbuun isaa ni yaadatama.
Shuumii Badhaasootiin,