Fakkeenyummaa Finfinnee fi Imala Ol Kaafamuu Itoophiyaa cimsanii itti fufuuf waliigalteerra gahamuu isaa Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Beeksise

You are currently viewing Fakkeenyummaa Finfinnee fi Imala Ol Kaafamuu Itoophiyaa cimsanii itti fufuuf waliigalteerra gahamuu isaa Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Beeksise

‎AMN PLUS- Hagayya 13/2017

‎Fakkeenyummaa Finfinnee fi Ol Kaafamuu Itoophiyaa Cimsanii itti fufuuf akkasumas yaadota ceesisoo paartichaa kutannoodhaan hojiitti hiikuuf waliigalteerra gahamuu isaa Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Beeksise

‎Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee gaggeessitoonni sadarkaa sadarkaan jiran tokkummaa yaadaa fi gochaa cimsuu, akka biyyaatti imala deemsa asii gadiirraa gara bayyanachuutti cehuuf, milkaa’inoota waggoottan torban darban keessatti galma’an cimsanii itti fufuuf, hanqinoota sirreesuun gama hundaan milkaa’ina galmeessuuf dhimmootta dandeessisan irratti marii guyyoota sadiif adeemsisaa turan, kaka’umsa fooyya’aan, bu’aa ol aanaa galmeessisuuf waliigalteerra gahuun akka xumurame Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee beeksiseera.

‎Marii kanarratti haala biyyaa, qormaatilee mudatan keessatti injifannoowwan galma’anillee akka ka’an waajjirichi beeksiseera

‎Paartii cimaa ijaaruun dandeettii raawwachiisumnaa mootummaa guddisuuf hojiin hojjatamaa jiraachuu ibsuun, badhaadhina gama maraan milkeessuuf miseensotni paartichaa fi lammiileen hojii irratti bobba’aniin itti gaafatamummaa isaanii bahachuun ashaaraa isaanii biyya isaaniif kaa’uu akka qabanillee paartichi yaadachiiseera.

‎Mootummaan tattaaffii nagaa eegale cimsee itti fufuuf kutannoo qabaachuus Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee Beeksiseera.

‎Hooggansi sadarkaa sadarkaan jirus kenniinsa tajaajilaan hannaafi hojmaata badaa irratti duuluun, fayyadamummaa gama maraa lammiilee mirkaneessuufi goota misoomaa ta’uun, gama maraan badhaadhinni akka milkaa’uuf kutannoon akka hojjatamu mari’achuu isaanii Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee odeeffannoo Addis Miidiyaa Neetworkiif ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply