Feestivaalli Irreechaa Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti bifa miidhagaan geggeeffamaa jira

You are currently viewing Feestivaalli Irreechaa Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti bifa miidhagaan geggeeffamaa jira

AMN Plus – Fulbaana 22/2018

Irreechi Ayyaana Waloomaafi Tokkummaa Saboota, sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa jabeessaa jiruudha jedhan Mana Maree Magaalaa Finfinneetti Itti Waamamaan Mootummaa Obbo Maashoo Olaanaa.

‎Feestivaalli Irreechaa Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti Gaggeeffamaa jira.

‎Mana Maree Magaalaa Finfinneetti Itti Waamamaa Mootummaa Obbo Maashoo Olaanaa, Irreechi bara kanaa yeroo Hidhi Haaroomsa Guddichi Itoophiyaa xumuramee eebbifametti kabajamuun gammachuu keenya dachaa taasisaa jedhan. Irreechi Ayyaana Waloomaafi Tokkummaa Lammiilee biyyattii jabeessaa jiru ta’uus Obbo Maashoo himaaniiru.

‎Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Obbo Taarreqeny Warqinaa, Irreechi Ayyaana araaraa, haaloo waliif dhiisuuti jedhan. ‎Feestivaalicharratti Aanaleen Kutaa Magaalichaa nyaataafi meeshaalee aadaa agarsiisaf dhiyeessaniiru.

‎Jiraattootni Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Uffataa aadaan faayamuun, Sirboota aadaa godinaalee garaa garaa dhiyeessaniiru. Bareeddun Irreechaa Kutaa Magaalaa Addis Katamaas feestivaalicharratti filatamteerti.

‎Guddataa Ajjamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply