Fiilmota Afuuraa hordoftoota amantii Kiristaanaa hedduu biratti baa’inaan daawwataman keessaa tokko “Jesus” Iyyasuusiidha.

You are currently viewing Fiilmota Afuuraa hordoftoota amantii Kiristaanaa hedduu biratti baa’inaan daawwataman keessaa tokko “Jesus” Iyyasuusiidha.

AMN PLUS – Ebla 09/2017

Fiilmiin kun daawwatamuu kan inni eegale akka bara faranjootaa 1979 yoo ta’u hanga ammaatti afaanota kuma 2 olitti hiikameera.

Fiilmichi wangeela Luuqaas ka’umsa gochuun kan hojjetame yoo ta’u seenaa Iyyasuus kiristoos dhalachuurraa kaasee hanga samiitti ol ba’uu jiru gabaabinaan dhiheessa.

Addunyaarratti baa’inaan daawwatamuun fiilmota dorgomaa hin arganne 10 keessaa jaallatamummaan sadarkaa duraarra kan jiru fiilmiin kun bara faranjootaa 2020 qofa yeroo biiliyoona 8 oli daawwatamuun isaa ni tilmaamama.

Daareektaroonni fiilmii kanaa Piitar Saayiksiifi Joon Kiriish magaalota Iyyerusaaleem, Teel’aaviiviifi Xibaariyaas dabalatee guutuu Israa’eel keessatti seenaa Iyyasuus kiristoos viidiyoon waraabanii xumuruuf torbee 31 yookiin baatii 8 itti fudhateera.

Fiilmiin ‘Jesus’ ibsa sagalee yookiin ‘Vooyis Over’ kan qabu yoo ta’u Afaan Ingiliiziin kan seenesse nama Aleeksaandar Iskoorbii jedhamuudha.

Baasii doolaara miiliyoona 6 oliin hojjetamee agarsiisaaf kan oole fiilmiin kun xumura fiilmichaarratti maqaan ogeessota fiilmicha keessatti hirmaatanii (Kilooziing Kireediit) hin kennamneef, sababni isaas kaayyoon fiilmichaa wangeela fiilmiitti hiikanii jijjiiruuf qofa akka ta’e Pirodiyuusarri fiilmichaa Joon Hayimaan dubbatee ture.

Fiilmii turtii sa’aatii 1 fi daqiiqaa 57 qabu kanarratti Iyyasuus Kiristoosiin bakka bu’ee kan taphate lammii Ingilaandi kan ta’e Biriyaan Diikan yoo ta’u namoota 900 keessaa dorgomuun fiilmicha hojjechuunsaa himameera.

Riivukaa Nuumaan Durbee Maaramii , Yooseef Selo’aak Yooseefiin, Eelii Koheen qulqulluu Yohaannisiin akkasumas Niikoo Niitaay qulqulluu Pheexiroosiin warreen bakka bu’anii taphatan keessaa muraasa.

Yihuudaa bakka bu’ee kan taphate Eelii Daankar fuulli isaa fuula gantummaa hanga fakkaatutti daawwattoota birattti gara jabeessaafi gantummaan hanga ammaatti yaadatama.

Fiilmiin kun torbee dhukkubbii keessa hordoftoota amantii kiristaanaa hedduun daawwatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply