Boordiin Hojii Raawwachiiftuu Filannoo Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa hawaasni Musliimaa filannoo ulamaa Hagayya 9, 2017 irraa akka geggeessu hime.
Dura taa’aan Boordichaa Abdulaziiz Ibraahim (Dr.) adeemsa filannoo ilaalchisee ibsa har’a kennaniin, Filannoo Ulamaa’otaa milkeessuuf tattaaffiin guddaan taasifameera jedhan.
Filannoo hunda hammate, hirmaachisaa, haqa qabeessaa fi filannoo dantaa hawaasa musliimaa eegu gaggeessuuf hojiin bal’aan hojjetamuus ibsaniiru.
Adeemsi kun kilaastaraan adeemsifamaa akka ture kan ibsan Dura taa’aan kun, galmeen masjiidota naannolee fi bulchiinsa magaalaa hunda keessatti raawwatamuu fi filannoon kun boru dameelee garagaraan akka adeemsifamu akeekaniiru.
Filannoo kanaaf filattootni miiliyoona 13 fi kuma 151 ol galmaa’aniiru.
Filannoon kun guyyaa boruu irraa eegalee hanga Dilbataatti akka adeemsifamu ibsameera.
Naannoo Tigraayitti filannoon kun yeroo hin murtoofneef dabarfamuunis ibsameera.
Muhaammadnuur Aliitiin