Giddu galoota Soorataa 26tti lammiilee waan nyaatan hin qabne kuma 36 ol guyyaatti altakka nyaachiisuun danda’amuu Ejensiin Soorataa Magaalaa Finfinnee hime.
Ejensichi bara baajataa 2017tti giddu galoota Soorataa 10 qofa ture gara 26tti ol guddiseera. Lammiilee harka qalleeyyii, umriin dadhaboo nyaata guyyuu hin arganne, Maanguddootaafi Daa’imman Kuma 36 fi 600 ol guyyaatti yeroo tokko nyaachiisuun danda’ameera jedhan Daayirekatarri Olaantuun Ejensii Soorataa Magaalaa Finfinnee Aadde Tsadaalech Mikaa’el.
Milkaa’ina Ejensichaaf tumsaafi hordoffiin Dhaabbilee Mootummaafi dhuunfaa Olaanaa ta’uun ibsameera. Ejensichi Dhaabbilee tumsa taasisaniif beekamtii kennuun, K Kallattii karoora bara 2018 irratti mari’ateera.
Addis Miidiyaa Neetwoork, Daandii Qilleensa Itoophiyaafi Dhaabbata Midrook dabalatee Dhaabbilee mootummaafi dhuunfa garagaraaf beekamtiin kennameera.
Namoomsaa Baalliitu gabaase