Cabiinsa sirna barnootaa sirreessuuf barnoota sadarkaa 1ffaan duraa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru Hogganaan Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (Dr.) ibsan.
Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee sagantaa ijoollummaa tooftaalee taphachiisuun barsiisuuf oolan galteewwan barnootaa manneen barnoota sadarkaa 1ffaan duraa 21’f raabseera.
Sagantaa wal-harkaa fuudhiinsa galteewwan barnootaa kana irratti Zalaalam Mulaatuu (Dr.) manneen barnoota sadarkaa duraa keessatti tooftaalee ijoollee taphachiisuun barumsi kennamu kun dandeettii barattoonni waa qalbeeffachuurratti qaban dabaluuf bu’aa akka qabu ibsaniiru.

Cabiinsa sirna barnoota keessatti mudate sirreessuuf barnoota sadarkaa 1ffaan duraa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus Hogganaan kun dubbataniiru.
Tooftaa taphachiisuutiin barsiisuu kana gara sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf Biiroon Barnootaa deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisaa akka jiru ibsaniiru.
Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaan duraa deeggarsa argatan kana kaayyoo yaadameef qofa oolchuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Wandammaaganyi Abbabaatiin