Finfinneetti miseensotni Kuma 5 fi 800 ol hojii eegumsaan leenji’aa turan eebbifaman

You are currently viewing Finfinneetti miseensotni Kuma 5 fi 800 ol hojii eegumsaan leenji’aa turan eebbifaman

AMN PLUS- Fulbaana 12//2018

Nagaafi Tasgabbiin magaalaa Finfinnee itti fufiinsaan akka eegamuuf hawaasa leenjisuun naannoo isaa akka eegu taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee miseensota eegumsaa Kuma 5 fi 800 ol hojii eegumsaan leenjisaa ture eebbisiiseera.

Leenjitootni kallattumaan naannoo isaanii eeguutti kan baba’an yommuu ta’u, ayyaanota Masqalaafi Irreechaa as deemaa jiran naga qabeessa taasisuurra darbee magaalaa Finfinnee keessatti nageenyi waaraa akka jiraatu gaheen isaanii olaanaa ta’uu Hooggantuun Biiroo kanaa Aadde Liidiyaa Girmaa ibsaniiru.

Caasaan uumameefi leenjiin kenname seeraafi dambiin kabajamee nagaa Finfinnee waaressuu kan dandeessisu ta’uu eeruun, eebbifamtootni kutannoofi amanamummaan hawaasa tajaajiluu akka qaban dhaamanii jiru.

Leenjitootni barnoota dareefi leenjii dirree fudhatanitti gargaaramuun kutannoofi amanamummaan hawaasa tajajiluuf qophaa’uu AMN’tti himaniiru.

Yashiiwaas Waaleetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply