Fooramiin Invastimeentii Oromiyaa bara kanaa Magaalaa Finfinnee Hoteela Sky light tti taa’amaa jira
Kaayyoon Fooramii kanaas carraa Invastimeentii naannichi qabu beeksisuu, hudhaalee jiran addaa baasuun sochii Invastimeentii itti fufsiisuudha.
Fooramii kanarratti Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltonni mootummaa, Federaalaaa, invastaroonni biyyaa keessaa fi alaa irratti hirmaataa jiru,
Mangashaa Daargeetu Gabaase