‎Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa ajandaa addunyaa ta’eera- Ogeessa Seeraa

You are currently viewing ‎Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa ajandaa addunyaa ta’eera- Ogeessa Seeraa

‎AMN Plus – Fulbaana 29/2018

‎Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa sirriifi fudhatama kan qabu waan ta’eef sadarkaa idil-addunyaatti ijoo dubbii akka ta’e ogeessi Seeraa Obbo Maaruu Abdii ibsan.

‎Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuufi hojjatamaa jiraachuu erga Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PHD) ibsan booda uummatni biyyatti yaada kana simachuun, “dhimmi ulaa galaanaa amma ajandaa ummata ta’eera” jedhan Obbo Maaruu Abdii yaada AMN’f kennaniin.

‎Ajandaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaarra darbee biyyoota naannoo kana keessatti argaman akkasumas dhaabbileen idil-addunyaa dhimmi ilaallatu hunduu yaada deggarsaa akka Itoophiyaan ulaa galaanaa malee jiraachuun dandeenye kaasaa akka jiranis ibsaniiru.

‎Hoggantoonni biyyoota adda addaa, dhaabbileen idil-addunyaa, Ameerikaa, Faransaayifi Gamtaan Afrikaa gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa fudhatama akka qabu ibsuu isaanii Obbo Maaruun dubbataniiru.

‎Biyyi takka yoo ulaa galaanaa hin qabne biyya qabdu waliin akka fayyadamtuuf biyyoonni addunyaa irratti waligalanii mallatteessuu isaanii ibsaniiru.

‎Keeyyata 124 hanga 139 ta’an seera itti fayyadama ulaa galaanaa kan ibsan ta’uu eeraniiru.

‎Ulaan galaanaa misooma walootiif akka barbaachisu kan ibsan Obbo Maaruun gaaffiin kun akka milkaa’uuf namni hunduu gahee isaa bahuu akka qabus dhaamaniiru.

‎Barakat Geetaachootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply