Gafarsaa Gujeetti keessummootni Irreechaa simatamaa jiru

You are currently viewing Gafarsaa Gujeetti keessummootni Irreechaa simatamaa jiru

AMN PLUS- Fulbaana 23/2018

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti keessummoota Irreecha irratti hirmaachuuf dhufaniif simannaan taasifamaa jira.

‎Kutaan Magaalaa Gafarsaa Gujee seensa Shanan Finfinnee keessaa tokko yoo ta’u keessummoonni Lixa Oromiyaatii dhufan karra itttiin Finfinnee galaniidha.

‎Keessattuu Godinaalee Afran Wallaggaa, Shawaa Lixaafi kannen Matakkal irraa karra kanaan Finfinnee seenaa jiru.

‎Bulchituun Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee Aadde Boontuu Waqgaarii keessummoota kanneen yammuu dhufan qofa osoo hin taane yeroo deebi’anis simachuun kan keessummeeffaman ta’uu himaniiru.

‎Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadeerratti hirmaachuuf namootni lakkoofsan hedduu ta’an Magaalaa Finfinnee seenaa jiru.

‎Guddataa Ajjamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply