Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kutaa Magaalaa Booleetti Manneen harka qalleeyyiif ijaarame eebbisuun dabarsaniiru.
Kantiibaa Adaanech, gammachuun keenya olaanaan gammachuu jiraattota Magaalaatti argadhudha jedhan.
Xiyyeeffannoon bulchiinsa magaalichaa imiimmaan hiyyeessaa qoorsuu ta’uu kaasaniiru.
Kantiibaa Adaanech ayyaana Faasikaa sababeeffachuun Manneen jireenyaa 446 akka Magaalaattiitti dabarfamuu eeraniiru.
Magaalattiitti hojiin jireenya jiraattotaa fooyyeessan hojjatamaa jiru jedhan.
Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Kutaa Magaalaa Boolee Aadde Alamtsahaay Shifarraaw, Manneen jireenyaa kunnen Ministeera Galiiwwanii,Komishinii Gumruukaafi qooda fudhattootan kan ijaaraman ta’uu himan.
Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nugusee rakkoo hawaasummaafi dinagdee jiraattota magaalichaa furuuf hundumtuu tumsuu qaba jedha.
Guddataa Ajjamaatu Gabaase