Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Addunyaa Seeraaliyoon waliin taasisuuf Laayibeeriyaa magaalaa Monorooviyaa gahe.
Garichi kaleessa halkan Kaayirootii ka’ee ganama Finfinnee galuun imala sa’aatii jahaa booda Monorooviyaa seeneera.
Taphni 8ffaan gulaallii Waancaa Addunyaa Seeraaliyoon waliin Kibxata sa’aatii 10:00tti adeemsifama.
Garicha keessaa Biiniyaam Balaay kaardii Keelloo lama waan kennameef waliin hin imalle.
Taphni gareewwan lamaanii yeroo darbe zeeroo wal qixa xumurame.