Ambaasaaddar Reedwaan Huseen fi Gorsaan Ministira Muummee Dhimmoota Afriikaa Bahaa Geetachoo Raddaa Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakiir fi itti aanaa pirezidaantii Beenjaamiin Bolmeel waliin mari’ataniiru.
Gareen jilaa kun ergaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad irraa ergame wayita ittiin gahan nagaa fi tasgabbiin Sudaan Kibbaa faayidaa Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate waan ta’eef mootummaan Itiyoophiyaa deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu ibsaniiru.
Pirezidaantii fi itti aanaan pirezidaantii Sudaan Kibbaa Itiyoophiyaan durii kaaftee amma ammaatti deeggarsa cimaa taasisaa turuushee kaasuun galateeffachuusanii fi dinqisiifachuusaanii fi deeggarsi kun cimee akka ittifufu gaafachuusaanii oduun nuqaqqabe nimul’isa.
Gareen jilaa kun kaleessa galgala marii taasisu xumuree deebi’eera.

All reactions:
56Belachew Jebessa and 55 others