AMN PLUS Bitootessa 20/ 20117
Magaalaa Finfinneetti dubartoonni 380 jireenya rakkisaa keessaa bahuun ogummaa gara garaan “Giddu Gala Leenjiifi haromsa dubartootaa ʼLenegewaatti̕ Marsaa 2ffaaf leenji’an bakka kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi hoggantoonni mootummaa olaanoo magaalichaa argamaniitti eebbifamaniru.
Sagantaa eebba dubartoota Giddu gala Leenjiifi dandamachisa dubartoota “Lenegewaa” marsaa 2ffaa irratti kan argaman Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen kaayyoon giddu galichaa inni ijoon dubartoota sababa adda addaatin rakkoo hawaasummaa fi dinagdeef saaxilaman kaleessaa isaanii በማirraaffatanii egeree isaanii akka tolfatan gargaaruu fi abdii itti horudha jedhan
Katiibaa Adaanech rakkolee hawaasummaa koorniyaadhan dubartootii ta’u qofaan muudatan hir’isuufi dubartoonni kabaja isaaniif maluu argatanii akka jiraataniif qaamni hawaasaa hundi itti gaafatamummaa isarraa eegamuu bahachuu qabu jedhaniru.
Rakkolee hawaasa dubartoota jireenya daandii fi iddoo hin malleetti boobbaasan furuuf qaamni hundi tumsuu akka qabu kan himan Kantiibaa Adaanech, dubartoonni har’a eebbifaman carraa hojii argataniitti fayyadamuun of- jijjiranii namoota kanneen biroos jijjiruuf fakkeenyummaa cimaadhan hojjachuu akka qaban dhaamaniru.

Daayirektarri Olaanaa Giddu Gala Leenjii fi Dandamachisa Dubartootaa ̕Lenegewaaʼ Hirphasaa Caalaa (Dr.) sagantaa eebbaa irratti haasaa taasisaniin giddu galichii dubartoota 400 marsaa 2ffaaf leenjisuuf simatee keessaa dubartoonni 380 ogummaa adda addaatin leenjii gahaa fudhachuun eebbifamuu isaanii himaniru.
Eebbifamtoonni kunneen qormaata madaalli gahumsaa fudhatan keessa dhibbeentaan 93 qabxii barbaachisuu galmeessuun darbuu isaanii Hirphaasaan (Dr.) ibsaniru.
Dubartoonni 380 giddu gala ʼLenegewaa̕ keessatti leenjii fi qormaata madaalli fudhachuun darbanii marsaa 2ffaaf eebbifaman kun dhaabbilee adda adda keessatti carraa hojii argataniru
Dubartootni eebbiffamaniis haala mijataa bakka jireenya qormaataan guutamee kalessa dabarsaa turan itti jijjiran mootummaa ijaarsisuun tajaajila akka argatan isaan taasiseef galateeffachuun carraa argatan kanaan ammoo egeree isaanii sirnaan qajelfachuuf kutannoon kan hojjatan ta’u dubbataniru.
Kantiibaa Adaanech, abbooti qabeenyaa kallatti garagaraatin guddu galiichaaf deeggarsa taasisaa turaniif beebeekamtii keennuun tumsa olaanaa taasisaniif galateefataniru.
Giddu galli leenjii fi dandamachisa ̕Lenegewaaʼ yeroo itti aanuuttis dubartoota jireenya uulfaataa fi fokkisaa dabarsaa jiran kalessa isaanii duubatti dhiisanii egeree isaanii qajelchuuf qophii ta’an marsaa 3ffaaf ofiitti simatee ogummaa garagaraatiin kan leenjisuuf qophii ta’un himamera.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase